-
Izraa 4:6-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Isaan jalqaba bulchiinsa Ahaashwerositti, jiraattota Yihudaa fi Yerusaalem irratti barreeffamaan himata dhiheessan. 7 Bara Arxeksis mootii Faarsitti, Bishlaam, Mitredaat, Taabeʼelii fi michoonni isaa warri kaan, Arxeksis Mootichaaf xalayaa ni barreessan; xalayichas gara Afaan Aaraamitti+ hiikanii, qubee afaan Aaraamiin barreessan.*
8 * Rehuum inni dura buʼaa abbaa taayitaa mootummaa taʼee fi Shimshaay inni barreessaa taʼe Yerusaalemiin mormanii akkana jedhanii Arxeksis Mootichaaf xalayaa barreessan:
-