-
Nahimiyaa 13:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Kanaafuu, guyyaa Sanbataa dura karrawwan Yerusaalem irratti gaaddisni buʼuu akkuma jalqabeen balbaloonni sun akka cufaman nan ajaje. Kana malees, Sanbanni hamma darbutti karrawwan sana banuu akka hin qabne isaanitti nan hime; akkasumas guyyaa Sanbataatti feʼumsi akka hin galleef tajaajiltoota koo keessaa tokko tokko karrawwan sana bira nan dhaabbachiise.
-