-
Izraa 4:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Nuti soogidda mana mootummaa waan nyaannuuf* faayidaan mootichaa yommuu tuqamu callisnee ilaaluun keenya sirrii miti; kanaan kan kaʼes, dhimmi kun mooticha biratti akka beekamuuf dhaamsa kana ergineerra; 15 kanaafuu, kitaaba seenaa abbootii keetii irratti qorannaan haa godhamu.+ Kitaaba seenaa irraas magaalaan kun magaalaa finciltuu, moototaa fi koonyaawwan kan miitu akka taate, bara duriitii jalqabees warri fincila kakaasan ishii keessa akka turan ni hubatta. Magaalaan kun kan balleeffamte kanaaf ture.+
-