-
Nahimiyaa 10:28, 29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Namoonni kaan, jechuunis luboonni, Leewwonni, karra eegdonni, faarfattoonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaa* fi warri Seera Waaqa dhugaa+ hordofuuf saboota biyyattii irraa adda of baasan, haadhotii manaa isaanii, ijoollee dhiiraa isaanii fi ijoollee durbaa isaanii dabalate warri beekumsaa fi hubannaa qaban hundi,* 29 obboloota isaanii, jechuunis namoota isaanii warra beekamoo wajjin taʼuudhaan, akka Seera Waaqa dhugaa isa karaa Musee isa tajaajilaa Waaqa dhugaa taʼe kenname sanaatti deddeebiʼuuf, ajajawwan Gooftaa keenya Yihowaa, murtiiwwan isaa fi dambiiwwan isaa hundumaa of eeggannoodhaan eeguuf abaarsaa fi kakaadhaan dirqama keessa of galchan.
-