-
Asteer 2:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Mootichis shamarran babbareedoo durboota taʼan hundumaa gara mana dubartootaa isa dahoo* Shushaan* keessatti argamuutti akka walitti qabaniif koonyaawwan bulchiinsa isaa keessatti argaman hundumaa keessatti bakka buutota haa muudu.+ Isaanis itti gaafatamummaa Hegaay+ isa xuʼaashii mootichaa fi eegduu dubartootaa taʼe jala haa taʼan; akkasumas kunuunsi miidhaginaa isaaniif haa godhamu.* 4 Shamarreen mootichi hundumaa caalaa itti gammadus Waashtii bakka buutee mootuu haa taatu.”+ Yaanni dhihaate kun mooticha ni gammachiise; innis akkanuma ni godhe.
-