20 Amalawwan isaa warri ijaan hin argamne, uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas, humna isaa isa bara baraa+ fi Waaqummaa isaa+ wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama;+ kanaafuu, isaan sababa itti qabatan hin qaban.