-
Baʼuu 9:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Kanaafuu, Museen ulee isaa gara samiitti diriirse; achiis Yihowaan kakawwee fi cabbii ni erge; ibiddis* lafa irratti ni buʼe; Yihowaan biyya Gibxii irratti cabbiin roobuu isaa akka itti fufu ni godhe.
-
-
1 Saamuʼel 12:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Harʼa guyyaa qamadiin itti haamamu mitii? Akka kakawweessaʼuu fi bokkaan akka roobu Yihowaa nan gaafadha; yeroo kanatti ofii keessaniif mootiin akka isiniif muudamu gaafachuudhaan Yihowaa duratti hammeenya guddaa akkamii akka hojjettan beekaa, hubadhaas.”+
18 Saamuʼelis Yihowaa ni kadhate; Yihowaanis guyyaa sanatti akka kakawweessaʼuu fi bokkaan akka roobu godhe; kanaan kan kaʼes, namoonni sun hundi Yihowaa fi Saamuʼeliin baayʼee sodaatan.
-