-
Faarfannaa 108:2-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Yaa meeshaa muuziqaa ribuu qabdu nana, dammaqi, yaa baganaa,+ atis dammaqi.
Ani barraaqaan nan kaʼa.
3 Yaa Yihowaa, namoota gidduutti sin jajadha,
Saboota gidduuttis faarfannaa galataa siif nan faarfadha.*
4 Sababiin isaas, jaalalli kee inni amanamaan guddaa dha, akka samiiwwaniittis ol kaʼaa dha,+
Amanamummaan kees duumessoota bira gaʼa.
5 Yaa Waaqayyo, samiiwwanii olitti ol kan qabamte taʼi;
Ulfinni kee guutummaa lafaa irra haa taʼu.+
-