-
Luqaas 23:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Innis yeroo sadaffaadhaaf, “Maaliif? Namichi kun balleessaa maalii raawwate? Ani wanta isa ajjeesisu tokko illee isa irratti hin arganne; kanaafuu, adabeen isa gadhiisa” isaaniin jedhe.
-
-
Yohaannis 15:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Ani hojiiwwan namni kan biraan hojjetee hin beekne isaan gidduutti utuun hin hojjenne taʼee, silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture;+ amma garuu anaan arganii na jibbaniiru, Abbaa koos jibbaniiru. 25 Haa taʼu malee, kun kan taʼe, Seera isaanii keessatti, ‘Isaan sababii malee na jibban’+ jedhamee inni barreeffame akka raawwatamuufi.
-