-
Isaayyaas 10:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Warra dambiiwwan miidhaa geessisan baasaniif,+
Warra yeroo hundumaa labsiiwwan nama cunqursan qopheessaniif wayyoo!
-
-
Daaniʼel 6:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Yaa mootii, abbootiin taayitaa mana mootummaa, hoggantoonni, bulchitoonni koonyaa, gorsitoonni mootichaa fi bulchitoonni hundi labsii mootummaa tokko baasuu fi dhorkaa tokko kaaʼuuf waliin mariʼataniiru; innis guyyaa 30f namni si malee waaqa yookiin nama kan biraatti kadhannaa dhiheessu kam iyyuu boolla leencotaa keessatti akka darbatamu+ kan ibsu dha.
-
-
Hojii Ergamootaa 5:27, 28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Kanaafuu, isaan fidanii yaaʼii Saanhedriin dura isaan dhaaban. Achiis lubni ol aanaan gaaffiidhaan isaan qoruu jalqabe; 28 achiis, “Maqaa kanaan akka hin barsiisne cimsinee isin ajajnee turre;+ isin garuu kunoo, Yerusaalemiin barumsa keessaniin guuttaniittu; dhiiga namicha kanaas nu irratti fiduuf kutattaniittu” isaaniin jedhe.+
-