-
Ibroota 3:7-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Kanaafuu, hafuurri qulqulluun akkana jedha:+ “Harʼa sagalee isaa yoo dhageessan, 8 akka yeroo dheekkamsa guddaadhaaf na kakaasan sanaa, akka guyyaa lafa onaa keessatti na qoran sanaa garaa keessan didaa hin godhinaa;+ 9 abbootiin keessan waggaa 40f hojiiwwan koo kan ilaalan taʼus iddoo sanatti na qoran.+ 10 Ani dhaloota sanatti aaree, ‘Garaan isaanii yeroo hunda karaa irraa ni maqa, isaan daandiiwwan koo hin beekne’ kanan jedhe kanaafi. 11 Kanaan kan kaʼes, dheekkamsa kootiin, ‘Isaan gara boqonnaa kootti hin galan’ jedheen kakadhe.”+
-
-
Ibroota 4:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 yeroo dheeraa booda faarfannaa Daawit keessatti, “Harʼa” jedhee ammas guyyaa tokko murteesse; kunis akkuma olitti, “Harʼa sagalee isaa yoo dhageessan garaa keessan didaa hin godhinaa”+ jedhametti dha.
-