-
Iyyaasuu 23:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Ammas wanta kitaaba Seera+ Musee irratti barreeffame hundumaa eeguu fi raawwachuuf baayʼee onnatoo taʼaa; kanas kan gootan wanta barreeffame irraa matumaa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti jalʼachuu dhiisuudhaan,+ 7 akkasumas matumaa saboota warra isin biratti hafan kanatti makamuu dhiisuudhaani.+ Isin maqaa waaqolii isaanii illee hin dhaʼinaa,+ isaaniin hin kakatinaa, matumaa isaan hin tajaajilinaa yookiin isaaniif hin sagadinaa.+
-