-
Faarfannaa 73:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Amma garuu yeroo hunda sii wajjinan jira;
Atis harka mirgaa koo qabatteetta.+
-
-
Hojii Ergamootaa 2:25-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Sababiin isaas Daawit waaʼee isaa akkana jedheera: ‘Yeroo hunda Yihowaa* fuula koo* dura nan kaaʼadha; inni mirga kootiin waan jiruuf, ani matumaa hin raafamu. 26 Kanaan kan kaʼes, garaan koo ni gammade; arrabni koos guddaa ni ililche. Ani abdiidhaan nan jiraadha;* 27 sababiin isaas ati Awwaala* keessatti na* hin dhiistu; inni siif amanamaa taʼe akka tortoru hin heyyamtu.+ 28 Ati daandii jireenyaa na beeksisteetta; fuula kee duratti gammachuu na quubsita.’+
-