21 Waaqayyos uumamawwan galaanaa guguddaa, akkasumas uumamawwan jiraatoo bishaan keessa sosochoʼanii fi yaaʼan hundumaa akka akaakuu isaaniitti, kana malees uumamawwan qoochoodhaan barrisan hundumaa akka akaakuu isaaniitti ni uume. Waaqayyo kun gaarii taʼuu isaa ni arge.