6 Achiis jiraattonni Gibxii hundi ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu,
Sababiin isaas, isaan kana booda hammuma shomboqqoo illee mana Israaʼel utubuu hin dandaʼan.+
7 Yommuu isaan harka kee qaban ati ni caccabde,
Gateettii isaaniis ni waraante.
Yommuu isaan sitti hirkatan ati ni cabde,
Miilli isaanii akka hollatus ni goote.”+