19 isaan akka naasifamanii fi akka abaaraman, wanta ani iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti dubbadhe dhageessee garaan kee waan tuqameef, Yihowaa duratti waan gad of qabdeef,+ uffata kee waan tarsaasteef,+ na durattis waan boosseef, anis si dhagaʼeera jedha Yihowaan.