LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 23:26-28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Saaʼol gaaricha irraa gama tokkoon ture; Daawitii fi namoonni isaa immoo gaaricha irraa gama kaaniin turan. Daawit Saaʼol jalaa baʼuuf ariifachaa ture;+ haa taʼu malee, Saaʼolii fi namoonni isaa Daawitii fi namoota isaa qabuuf itti dhihaatanii turan.+ 27 Taʼus ergamaan tokko gara Saaʼol dhufee, “Filisxeemonni biyyattii waan weeraraniif dafii kottu!” isaan jedhe. 28 Yeroo kanatti Saaʼol Daawitiin ariʼuu dhiisee+ Filisxeemota waraanuuf deebiʼe. Maqaan iddoo sanaa, Kattaa Addaan Baʼuu kan jedhame kanaafi.

  • 2 Saamuʼel 17:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Namoonni sun erga deemanii booda, isaan boolla bishaanii sana keessaa baʼanii deemanii Daawit Mootichatti himan. Isaanis, “Ahitoofel si balleessuuf gorsa akkana akkana jedhu waan kenneef kaʼi, dafiitii lagicha gamatti ceʼi” isaan jedhan.+ 22 Daawitii fi namoonni isaa wajjin jiran hundis yeruma sana kaʼanii Yordaanosiin ceʼan. Yommuu lafti bariʼus namni utuu Yordaanosiin hin ceʼin hafe tokko illee hin turre.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi