-
Daaniʼel 9:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 inni bulchuu jalqabee waggaa tokkoffaa isaatti ani Daaniʼel, akkuma Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa dubbatetti waggoota Yerusaalem ona taatee itti turtu+ kitaabota* irraa nan hubadhe; innis waggaa 70 ture.+ 3 Kanaafuu, ani gara Yihowaa Waaqa dhugaatti fuula koo nan naannesse; soomee, uffata gaddaa uffadhee, akkasumas daaraa of irratti firfirsee isa nan kadhadhe.+
-