-
Uumama 20:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Achiis Waaqni dhugaan abjuudhaan akkana isaan jedhe: “Ati garaa qajeelaadhaan kana akka goote nan beeka; kanaafuu, ana irratti cubbuu akka hin hojjenneef si dhowweera. Ati ishii akka tuqxu kanan siif hin heyyamne kanaafi.
-
-
2 Seenaa Baraa 26:16-18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Haa taʼu malee, inni akkuma jabaachaa deemeen, of tuuluudhaan badiisa ofitti fide; iddoo aarsaa ixaanaa irratti ixaana aarsuuf mana qulqullummaa Yihowaatti seenuudhaan Waaqa isaa Yihowaadhaaf amanamaa utuu hin taʼin hafe.+ 17 Azaariyaan lubichii fi luboonni Yihowaa onnatoo taʼan 80ni kaan yeruma sana isa duukaa buʼanii gara keessaatti seenan. 18 Achiis, “Yaa Ooziyaa, ati Yihowaadhaaf ixaana aarsuun kee sirrii miti!+ Isaan sanyii Aaron warra qulqulleeffaman waan taʼaniif ixaana aarsuu kan qaban luboota qofa dha.+ Ati amanamaa waan hin taaneef, iddoo qulqulluu keessaa baʼi; kana gochuun kee Yihowaa biraa ulfina siif hin argamsiisu” jedhanii Ooziyaa Mooticha morman.
-