13 Namoonni kun hundi amantii isaanii eeganii duʼaniiru; taʼus, waadaawwan sun yommuu raawwataman hin argine;+ kanaa mannaa, fagootti ilaalanii simatan,+ akkasumas biyyattii keessatti keessummootaa fi yeroo gabaabaadhaaf kan jiraatan taʼuu isaanii ifatti labsan.