-
Keessa Deebii 32:45-47Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
45 Museen dubbii kana hundumaa guutummaa Israaʼelitti dubbatee erga xumuree booda, 46 akkana isaaniin jedhe: “Ilmaan keessan dubbii Seera kanaa hundumaa of eeggannoodhaan akka raawwatan isaan ajajuu akka dandeessaniif,+ dubbii akeekkachiisaa ani harʼa isinitti himu kana hundumaa garaatti qabadhaa.+ 47 Sababiin isaas, kun jireenya keessani malee, isiniif dubbii gatii hin qabne miti;+ isinis dubbii kanaan biyya dhaalaan fudhachuuf Yordaanosiin ceetan keessa bara dheeraa ni jiraattu.”
-
-
Ibroota 12:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Dhugaa dha, adabni kam iyyuu yeroo sanatti kan gaddisiisu malee kan gammachiisu hin fakkaatu; sana booda garuu warra ittiin leenjifamaniif firii qajeelummaa isa nagaa isaaniif argamsiisa.
-