-
Uumama 39:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Wantoota kana booda, haati manaa gooftaa isaa ija ishii Yoseef irra buufachuu jalqabde; achiis, “Anaa wajjin ciisi” isaan jette. 8 Inni garuu tole hin jenne; haadha manaa gooftaa isaatiinis akkana jedhe: “Kunoo, gooftaan koo mana kana keessatti wanta na harka jiru tokko illee hin beeku; wanta qabu hundumaa imaanaadhaan anatti kenneera.
-
-
Keessa Deebii 13:6-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Obboleessi kee inni haadha tee irraa dhalate yookiin ilmi kee yookiin intalli tee yookiin haati manaa tee ishiin jallatamtuun yookiin michuun kee inni sitti dhihaatu,* ‘Dhaqnee waaqolii kan biroo haa tajaajillu’ jedhee dhoksaatti si sossobuuf yoo yaale,+ waaqoliin kun immoo atis taate abbootiin kee kan hin beekne yoo taʼan, 7 akkasumas waaqolii saboota naannoo keessanii warra isinitti dhihoos taʼe isin irraa fagoo jiranii, fiixee biyyattii isa tokkoo hamma fiixee biyyattii isa kaanitti argamanii yoo taʼan, 8 tole isaaf hin jedhin yookiin isa hin dhagaʼin;+ isaaf hin gaddin yookiin garaa isaaf hin laafin yookiin eegumsa isaaf hin godhin;
-