-
Nahimiyaa 6:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Saanbaalaaxii fi Geeshem yeruma sana, “Kottu, gandeen Dirree Sulula Onoo+ keessatti wal arguuf beellama haa qabannu” jedhanii ergaa natti ergan. Garuu isaan na miidhuuf natti malachaa turan. 3 Kanaafuu, “Ani hojii guddaa hojjechaan jira; gad buʼuu hin dandaʼu. Hojicha dhiisee gara keessan dhufuu kootiin hojichi maaliif dhaabbata?” jedheen ergamtoota gara isaaniitti erge.
-