-
1 Saamuʼel 22:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Yeroo kanatti mootichi eegdota* isatti marsanii dhaabbataniin, “Isaan Daawit irra waan goraniif, itti garagalaatii luboota Yihowaa ajjeesaa! Inni baqachaa akka jiru utuma beekanii anatti hin himne!” jedhe. Tajaajiltoonni mootichaa garuu luboota Yihowaa rukutuuf harka isaanii kaasuu hin barbaanne. 18 Achiis mootichi Doʼeegiin,+ “Ati itti garagaliitii luboota kana rukuti!” jedhe. Doʼeeg Edoomtichis+ yeruma sana deemee ofuma isaatiin luboota sana rukute. Inni guyyaa sanatti namoota efuudii quncee talbaa irraa tolfame uffatan 85 ni ajjeese.+
-
-
1 Mootota 2:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Achiis Solomoon Mootichi, “Yoʼaab gara dunkaana Yihowaatti baqatee achi iddoo aarsaa cinaa jira” jedhamee itti himame. Kanaafuu Solomoon, “Dhaqi, isa ajjeesi!” jedhee Benaayaa ilma Yehoyaadaa erge.
-