41 Saaʼolis Yihowaadhaan, “Yaa Waaqa Israaʼel, karaa Tuumiimii+ deebii kenni!” jedhe. Achiis Yonaataanii fi Saaʼol ni filataman; namoonni sun garuu bilisa taʼan. 42 Saaʼolis, “Anaa fi ilma koo Yonaataan keessaa eenyu akka taʼe beekuuf carraa buusaa”+ jedhe. Yeroo kanatti Yonaataan ni filatame.