-
2 Saamuʼel 15:2-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Abishaalom ganamaan kaʼee karra magaalattii bira daandii qarqara dhaabbata ture.+ Namni falmii qabu kam iyyuu murtii argachuuf yommuu gara mootichaa dhufu,+ Abishaalom isa waamee, “Ati magaalaa isa kamii dhufte?” jedhee isa gaafata ture; namichis, “Tajaajilaan kee gosoota Israaʼel keessaa isa tokko irraa dhufe” jedhee isaaf deebisa ture. 3 Abishaalomis, “Ilaa, himanni kee sirrii fi dhugaa dha; garuu mooticha biraa namni dhimma kee siif dhagaʼu tokko illee hin jiru” isaan jedha ture. 4 Akkasumas, “Utuun biyyattii keessatti abbaa murtii taʼee muudameera taʼee, silaa namni falmii qabu yookiin murtii argachuu barbaadu kam iyyuu gara koo dhufee murtii haqaa akka argatu nan godhan ture” jedha ture.
-