-
Sefaaniyaa 3:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Bulchitoonni ishii warri ishii gidduu jiran leencota baroodani dha.+
Abbootiin murtii ishii yeeyyii halkanii ti;
Isaan lafee tokko illee ganamaaf hin hambifatan.
-
-
Maatewos 2:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Heroodis namoonni urjii lakkaaʼan sun akka isa gowwoomsan yommuu hubatu baayʼee aare; kanaafuu, yeroo isa namoota urjii lakkaaʼan sana irraa sirriitti mirkaneeffate+ irratti hundaaʼee, namoota erguudhaan ijoollee dhiiraa Beetaliheemii fi koonyaawwan ishii keessa jiran warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi isaa gad taʼe hundumaa ni ajjeesise.
-