LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 9:30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 Achiis Yehuun gara Yezriʼel+ dhufe; Iizaabelis+ waaʼee kanaa ni dhageesse. Kanaafuu, ishiin ija ishii kuullattee, mataa ishiis tottolfattee karaa foddaa gad ilaalaa turte.

  • Asteer 1:10-12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Guyyaa torbaffaatti mootichi yommuu daadhii wayinii dhugee gammadee turetti, abbootii taayitaa mana mootummaa torban warri Ahaashweros Mooticha tajaajilan, jechuunis Mehumaan, Biztaan, Harboonaan,+ Bigtaan, Abaagtaan, Zetaarii fi Kaarkaas, 11 gonfoo* mootummaa akkuma kaaʼattetti Waashtii Mootittii mooticha duratti akka dhiheessan isaanitti hime; kanas kan godhe, ishiin baayʼee bareedduu waan turteef, bareedina ishii namoota sanaa fi bulchitoota sanatti argisiisuuf ture. 12 Haa taʼu malee, Waashtii Mootittiin ajaja mootichaa isa karaa abbootii taayitaa mana mootummaa kennameef ajajamtee dhufuu matumaa ni didde. Yeroo kanatti mootichi baayʼee aare, ni dheekkames.

  • Fakkeenya 6:25, 26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Garaa keetti miidhagina ishii hin hawwin+

      Yookiin ija ishii isa nama sossobuun hin boojiʼamin,

      26 Sababiin isaas, namni tokko dubartii sagaagaltuu irraa kan kaʼe hiyyummaadhaaf saaxilama,*+

      Haati manaa nama kan biraa garuu, lubbuun isaa inni gatii guddaa qabu kiyyootti akka galu gooti.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi