-
Lallaba 2:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Kolfuun, maraatummaa dha!
Gammachuunis faayidaa maalii qaba?” nan jedhe.
3 Ogummaa koo utuu hin dhabin, wanta gaarii daadhii wayiniitti gammaduudhaan+ argamu beekuuf nan murteesse; samii jalatti wanta gaarii ilmaan namootaa bara jireenyaa isaanii isa gabaabaatti gochuu dandaʼan beekuuf gocha gowwummaa illee nan raawwadhe.
-
-
Lallaba 2:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Achiis xiyyeeffannaa koo gara ogummaatti, gara maraatummaattii fi gara gowwummaatti nan naannesse.+ (Sababiin isaas, namni mooticha booda dhufu maal gochuu dandaʼa? Wantuma sana dura raawwatame qofa raawwachuu dandaʼa.)
-
-
Lallaba 7:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Ani ogummaa fi sababa wanta tokko duuba jiru beekuuf, qorachuu fi qoʼachuuf, akkasumas gowwummaan hammina taʼuu isaa, maraatummaanis gowwummaa taʼuu isaa hubachuuf nan murteesse.+
-