LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 13:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Kanaafuu, ‘Amma Filisxeemonni na waraanuuf gara Gilgaalitti gad buʼu; ani immoo eebba isaa argachuuf Yihowaa hin kadhanne’ jedheen yaade. Kanaan kan kaʼes, dirqama aarsaa gubamu dhiheessuu akkan qabu natti dhagaʼame.”

      13 Yeroo kanatti Saamuʼel Saaʼoliin akkana jedhe: “Ati hojii gowwummaa hojjetteetta. Ajaja Waaqni kee Yihowaan siif kenneef hin ajajamne.+ Utuu ajajamteetta taʼee, Yihowaan mootummaan kee Israaʼel irratti bara baraaf jabaatee akka dhaabbatu ni godha ture.

  • 1 Saamuʼel 15:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Yeroo kanatti Saamuʼel akkana isaan jedhe: “Yihowaan hamma dubbii Yihowaatiif ajajamuutti gammadu, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan kan biraatti ni gammadaa?+ Ilaa, ajajamuun aarsaa irra,+ xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuunis cooma+ korbeessa hoolaa irra ni caala;

  • Fakkeenya 21:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Aarsaan nama hamaa jibbisiisaa dha.+

      Yaada hamaadhaan kakaʼee* yommuu dhiheessu immoo caalaatti jibbisiisaa dha!

  • Isaayyaas 1:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Aarsaawwan midhaanii warra gatii hin qabne fiduu keessan dhiisaa.

      Ixaanni keessan na biratti jibbisiisaa dha.+

      Isin guyyoota baatiiwwan haaraa+ fi sanbatawwan+ ni kabajju, walgaʼiiwwanis+ ni qopheessitu.

      Taʼus, utuma walgaʼiiwwan qulqulluu qopheessitanii mora+ raawwattan kam iyyuu obsaan bira darbuu hin dandaʼu.

  • Hoseʼaa 6:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Sababiin isaas, ani aarsaatti utuu hin taʼin, jaalala amanamaattan* gammada,

      Aarsaa guutummaatti gubamu mannaa beekumsa Waaqayyoottan gammada.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi