14 Ruuben+ yeroo qamadiin haamamutti utuu deemaa jiruu dirree keessaa firiiwwan ulfaaʼuuf nama gargaaru jedhanii yaadan argate. Achiis firiiwwan kana haadha isaa Liyaadhaaf ni fide. Raahelis Liyaadhaan, “Maaloo, firiiwwan ilmi kee sii fide keessaa muraasa naaf kenni” jette.