4 ‘Isaan dhukkuba cimaadhaan ni duʼu;+ garuu namni isaaniif gaddu yookiin namni isaan awwaalu hin jiraatu; lafa irratti akkuma dikee ni taʼu.+ Goraadee fi beelaan ni dhumu;+ reeffi isaaniis allaattiiwwan samii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa.’