-
Uumama 46:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Sana booda Yaaqoob Ber Sheebaadhaa ni baʼe; ilmaan Israaʼelis gaariiwwan warra Faraʼoon akka ittiin isa fidaniif erge sanaan abbaa isaanii Yaaqoobiin, ijoollee isaanii fi haadhotii manaa isaanii ni fidan. 6 Horiiwwanii fi miʼawwan isaanii warra biyya Kanaʼaanitti walitti qabatanii turanis ni fudhatan. Akka kanaan Yaaqoobii fi maatiin isaa warri isaa wajjin turan hundi gara Gibxiitti dhufan. 7 Inni ilmaan isaa, ilmaan ijoollee isaa, ijoollee durbaa isaa, ijoollee durbaa ijoollee isaa, walumaa galatti guutummaa maatii isaa gara Gibxiitti fidee dhufe.
-