23 Akka kanaan nama, horii, bineensota loʼanii fi uumamawwan samii keessa barrisan dabalatee, wantoota jiraatoo taʼan hundumaa lafa irraa haxaaʼee ni balleesse. Hundi isaaniis lafa irraa haxaaʼamanii balleeffaman;+ lubbuudhaan kan oolan Nohii fi warra isaa wajjin doonicha keessa turan qofa dha.+