-
Ermiyaas 34:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Isinis dhiheenyatti* deebitanii namootaaf bilisummaa labsuudhaan wanta na duratti sirrii taʼe raawwattaniittu; mana maqaan koo itti waamamu keessattis na duratti kakuu galtaniittu. 16 Booda garuu garboota keessan warra dhiirotaa fi dubartoota taʼan warra akka fedhii* isaaniitti bilisa baastanii turtan sana deebifachuudhaan deebitanii maqaa koo xureessitaniittu;+ isaan dirqisiisiistaniis deebistanii isaan garboomsitaniittu.’
-
-
Miikiyaas 3:2-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Isin garuu wanta gaarii ni jibbitu,+ wanta hamaa immoo ni jaallattu;+
Saba koo irraa gogaa isaanii ni quncistu, lafee isaanii irraas foon ni kaastu.+
3 Kana malees foon saba kootii ni nyaattu,+
Gogaa isaaniis irraa ni baastu,
Akkuma wanta distiitti affeelameetti, akkuma foon distii keessa jiruutti,
Lafee isaanii caccabsitanii ni hurreessitu.+
4 Yeroo sanatti isaan gargaarsaaf Yihowaa ni waammatu,
Inni garuu deebii isaaniif hin kennu.
-