LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Luqaas 4:17-21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaafuu, maraan kitaaba Isaayyaas raajichaa isaaf ni kenname; innis maraa kitaabaa sana diigee bakka akkana jedhamee barreeffame argate: 18 “Hafuurri Yihowaa* ana irra jira; sababiin isaas, inni hiyyeeyyiidhaaf misiraachoo akkan labsu na dibeera. Warra boojiʼamaniif bilisa baʼuu, warra ijji isaanii jaameefis qaroon isaanii akka isaaniif deebiʼu akkan labsu, akkasumas warra cunqurfaman bilisa akkan baasuu+ fi 19 waggaa Yihowaa* biratti fudhatama qabu akkan labsu na ergeera.”+ 20 Sana booda maraa kitaabaa sana maree deebisee tajaajilaa sanatti kennee taaʼe; namoonni mana sagadaa sana keessa turan hundis hubatanii isa ilaalu turan. 21 Achiis, “Dubbiin Kitaaba Qulqulluu amma dhageessan kun harʼa raawwatameera”+ isaaniin jedhe.

  • Luqaas 7:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Warra ergaman sanaanis deebisee akkana jedhe: “Dhaqaatii wanta argitanii fi wanta dhageessan Yohaannisitti himaa: Warri qaro dhabeeyyiin argaa jiru,+ warri naafatan deemaa jiru, warri dhukkuba nadaayiitiin qabaman fayyaa jiru, warri gurri isaanii duude dhagaʼaa jiru,+ warri duʼan duʼaa kaafamaa jiru, hiyyeeyyiidhaafis misiraachoon lallabamaa jira.+

  • Hojii Ergamootaa 26:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Ani namoota kanaa fi sabootan itti si ergu irraa sin oolcha;+ 18 kanan si ergus, dhiifama cubbuu akka argatanii+ fi namoota anatti amananii qulqullaaʼan gidduutti dhaala akka fudhataniif, ija isaanii bantee,+ dukkana irraa+ gara ifaatti,+ aangoo Seexanaa jalaas+ gara Waaqayyootti akka isaan deebistuufi.’

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi