20 Haa taʼu malee, Isaayyaas ija jabina guddaadhaan, “Ani warra na hin barbaanneef nan argame;+ warra waaʼee koo hin gaafannettis nan beekame”+ jedheera. 21 Waaʼee Israaʼel garuu, “Ani guyyaa guutuu gara namoota hin ajajamnee fi mata jabeeyyii taʼaniitti harka koo nan diriirse”+ jedheera.