- 
	                        
            
            Isaayyaas 9:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
5 Kopheen yeroo duulaatti lafa sochoosu hundi,
Uffanni dhiigaan laaqame hundis
Ibiddaan ni nyaatama.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Isaayyaas 30:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
27 Kunoo, maqaan Yihowaa
Dheekkamsa isaatiin gubaa, akkasumas duumessa cimaadhaan marfamee fagoodhaa dhufaa jira.
Afaan isaa dheekkamsaan guutameera,
Arrabni isaas akkuma ibidda gubuu ti.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Isaayyaas 31:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
8 Asoorichi goraadeedhaan ni kufa, garuu goraadee namaatiin miti;
Goraadeen isa ni nyaata, garuu goraadee namaa miti.+
Inni goraadeedhaan kan kaʼe ni baqata,
Dargaggoonni isaas hojii dirqamaa ni hojjetu.
9 Kattaan isaa sodaa guddaadhaan ni darba,
Bulchitoonni isaas jirma mallattootiin kan kaʼe ni jeeqamu” jedha Yihowaan
Inni ibsaan* isaa Xiyoon keessa, iddoon ibiddaa isaas Yerusaalem keessa jiru.
 
 -