-
Ermiyaas 48:46, 47Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
46 ‘Yaa Moʼaab, siif wayyoo!
Namoonni Kemoosh+ dhumaniiru.
Ijoolleen dhiiraa kee boojiʼamaniiru,
Ijoolleen durbaa kees boojuudhaan fudhatamaniiru.+
47 Haa taʼu malee, guyyoota dhumaatti warra Moʼaab keessaa boojiʼaman walitti nan qaba.
Murtiin Moʼaab irratti dabarfame as irratti xumurama’ jedha Yihowaan.”+
-
-
Sefaaniyaa 2:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha,
Moʼaab akka Sodoom,+
Amoonis akka Gomoraa ni taʼu,+
Iddoo doobbiin itti biqiluu fi boolla soogiddaa ni taʼu, yeroo hundumaatiifis ona ni taʼu.+
Warri uummata koo keessaa hafan isaan ni saamu,
Warri saba koo keessaa hafan isaan ni dhaalu.
-