- 
	                        
            
            2 Mootota 18:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
19 Kanaafuu, Raabshaaqichi akkana isaaniin jedhe: “Maaloo, Hisqiyaasiin akkana jedhaa: ‘Mootii isa guddaa kan taʼe mootiin Asoor akkana jedha: “Amanannaa akkanaa akka qabaattu kan si godhe maali dha?+ 20 Ati, ‘Ani tooftaa fi humna waraanaaf na barbaachisu qaba’ jetta; kun garuu dubbii gatii hin qabne dha. Ana irratti fincila kaasuuf kan onnatte, eenyutti amanattee ti?+
 
 -