LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 18:28-35
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Achiis Raabshaaqichi dhaabbatee sagalee isaa ol kaasee afaan Yihudootaatiin akkana jedhe: “Dubbii mootii Asoor, mooticha isa guddaa dhagaʼaa.+ 29 Mootichi akkana jedha: ‘Hisqiyaas harka koo jalaa isin oolchuu waan hin dandeenyeef, inni isin hin gowwoomsin.+ 30 Akkasumas Hisqiyaas, “Yihowaan dhugumaan nu oolcha; magaalaan kunis harka mootii Asooritti hin kennamtu” jedhee Yihowaatti akka amanattan isin hin godhin. 31 Hisqiyaasiin hin dhagaʼinaa; mootiin Asoor akkana jedha: “Anaa wajjin nagaa uumaa; harka keessanis kennadhaa;* tokkoon tokkoon keessan muka wayinii ofii keessanii fi muka harbuu ofii keessanii irraa ni nyaattu; boolla bishaanii ofii keessanii keessaas ni dhugdu; 32 kunis, hamma ani dhufee biyya ishii akka biyya keessanii taatetti, biyya midhaanii fi biyya daadhii wayinii haaraatti, biyya daabboo fi biyya maasii wayiniitti, biyya mukeetii ejersaa fi biyya dammaatti isin geessutti ni taʼa. Isinis lubbuudhaan ni jiraattu malee hin duutan. Hisqiyaas, ‘Yihowaan nu oolcha’ jedhee waan isin dogoggorsuuf, isa hin dhagaʼinaa. 33 Waaqolii sabootaa keessaa biyya isaa harka mootii Asoor jalaa kan oolche jiraa? 34 Waaqoliin Hamaatii fi Arpaad meerre? Waaqoliin Sefaarwaayim, Heenaa fi Iiwaa meerre? Isaan Samaariyaa harka koo jalaa oolchaniiruu? 35 Waaqolii biyyoota kanaa hunda keessaa biyya isaa harka koo jalaa oolchuu kan dandaʼe eenyu? Maarree, Yihowaan akkamitti Yerusaalemiin harka koo jalaa oolchuu dandaʼa?”’”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi