5 “Achiis Leewwonni warri luboota taʼan haa dhihaatan; sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan akka isa tajaajilanii fi maqaa Yihowaatiin akka eebbisan+ isaan filateera.+ Isaan humnaan nama irratti kaʼuu dabalatee falmiin akkamii iyyuu akkamitti furmaata argachuu akka qabu ni murteessu.+