-
2 Mootota 20:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Hisqiyaasis namoota ergaman sana simatee* guutummaa mana qabeenyaa isaa, jechuunis meeticha, warqicha, zayitii baalsaamii* fi zayitii gatii guddaa qabu kan biraa, mana kuusaa meeshaa waraanaa isaa, akkasumas wanta manneen qabeenyaa isaa keessa jiru hundumaa isaanitti argisiise.+ Hisqiyaas wanta mana isaa* keessa jiruu fi wanta bulchiinsa isaa keessa jiru hundumaa keessaa wanti inni isaanitti hin argisiisne tokko illee hin turre.
-