-
Ermiyaas 40:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yihudoonni biyya Moʼaab, Amoonii fi Edoom keessa turan hundi, warri biyyoota kan biroo hundumaa keessa turanis, mootiin Baabilon namoonni sabicha irraa hafan Yihudaa keessa akka jiraatan akka isaaniif heyyamee fi Gedaaliyaa ilma Ahiqaam ilma Shaafaan isaan irratti akka muude dhagaʼan. 12 Kanaafuu, Yihudoonni hundi iddoowwan itti bibittinnaaʼanii turan hundumaa irraa deebiʼuu jalqaban; gara biyya Yihudaa dhufaniis Gedaaliyaa isa Misphaatti argamu bira dhaqan. Firii wayinii fi firiiwwan bonaa baayʼee hedduu taʼes walitti ni qaban.
-