-
Ermiyaas 36:22-24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Jiʼa saglaffaatti* mootichi mana gannaa keessa taaʼee ture; ibiddi bobaʼus isa dura jira ture. 23 Yehudiin tarree sadii yookiin afur erga dubbisee booda mootichi albee barreessaatiin maraa kitaabaa sana irraa kutee ibidda bobaʼaa jiru sana keessatti gata ture; innis guutummaan maraa kitaabaa sun ibiddaan bobaʼee hamma dhumutti akkana gochuu isaa itti fufe. 24 Isaan homaa hin sodaanne; mootichis taʼe tajaajiltoonni isaa warri dubbii kana hundumaa dhagaʼan hundi uffata isaanii hin tarsaasne.
-