-
Obaadiyaa 2-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Kunoo, ani saboota gidduutti homaatti kan hin lakkaaʼamne si godheera;
Ati guutummaatti tuffatamteetta.+
3 Yaa isa dahoo kattaa keessa buufattu,
Iddoo ol kaʼaa irra jiraattuu fi garaa keetti,
‘Eenyutu gara lafaatti gad na buusa?’ jettu nana,
Of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.+
4 Ati iddoo jireenyaa kee akka risaatti yoo ol fageessite*
Yookiin urjiilee gidduutti manʼee kee yoo ijaarratte iyyuu,
Ani achii gad sin buusa” jedha Yihowaan.
-