- 
	                        
            
            Ermiyaas 19:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
13 Manneen Yerusaalemii fi manneen mootota Yihudaas akkuma iddoo kanaa, akkuma Tofeet xuraaʼoo ni taʼu;+ eeyyee, manneen warri isaan baaxiiwwan isaanii irratti raayyaa samii hundumaatiif aarsaawwan itti dhiheessanii+ fi waaqolii kan birootiif aarsaawwan dhugaatii itti dhangalaasan sun akkanuma ni taʼu.’”+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Hisqiʼel 20:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
28 Anis gara biyyan isaaniif kennuuf kakadhetti isaan nan galche.+ Isaanis yommuu tabbawwan ol kaʼoo fi mukeetii lalisoo+ hundumaa arganitti aarsaawwan isaanii fi kennaawwan isaanii warra na dheekkamsiisan dhiheessuu ni jalqaban. Achittis aarsaawwan isaanii warra urgaan isaanii gammachiisu* ni dhiheessan, aarsaawwan dhugaatii isaaniis ni dhangalaasan.
 
 -