-
Ermiyaas 19:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Isaan ilmaan isaanii ibiddaan gubanii aarsaawwan guutummaatti gubaman godhanii Baʼaaliif dhiheessuuf, iddoowwan ol kaʼoo Baʼaal ijaaraniiru;+ kunis wanta ani hin ajajne yookiin waaʼee isaa hin dubbannee fi matumaa garaa kootti illee hin yaanne* dha.”’+
6 “‘Yihowaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, kunoo, yeroon iddoon kun Tofeet yookiin Sulula Ilma Hinoom utuu hin taʼin, Sulula Qalmaa itti jedhamu ni dhufa.+
-
-
Ermiyaas 32:35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Kana malees, ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii ibiddaan gubanii Moleekiif dhiheessuuf,+ iddoowwan ol kaʼoo Baʼaal isa Sulula Ilma Hinoom*+ keessatti argamu ijaaraniiru; Yihudaa cubbuu hojjechiisuuf wanta jibbisiisaa akkanaa akka raawwatan ani isaan hin ajajne,+ matumaas garaa kootti hin yaanne.’*
-