LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 40:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Aarsaa isaatiif akka taʼutti inni muka,+

      Muka hin tortorre ni filata.

      Fakkii bocamaa hin kufne akka isaaf tolchuufis

      Ogeessa harkaa ni barbaaddata.+

  • Isaayyaas 44:14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Namni hojiin isaa muka gaattiraa muruu taʼe tokko jira.

      Inni akaakuu mukaa tokko, jechuunis muka qilxuu ni filata,

      Mukti sun mukeetii bosonaa gidduutti hamma cimutti ni eega.+

      Inni muka laawuroo* ni dhaaba, bokkaanis isa guddisa.

      15 Achiis namni tokko ibidda bobeessuuf itti fayyadama.

      Inni muraasa isaa bobeessee ibidda qaqqaammata;

      Ibidda qabsiisees daabboo tolfata.

      Haa taʼu malee, waaqa tolfatee isa ni waaqeffata.

      Fakkii bocamaa tolfatees gombifamee isa duratti ni sagada.+

  • Isaayyaas 45:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Walitti qabamaatii kottaa.

      Isin warri saboota jalaa miliqxan, waliin dhihaadhaa.+

      Warri fakkiiwwan bocaman baatanii jooran,

      Warri waaqa isaan oolchuu hin dandeenyetti kadhannaa dhiheessanis homaa hin beekan.+

  • Anbaaqom 2:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Fakkiin bocame inni namaan tolfame,

      Faayidaa maalii qaba?

      Waaqolii gatii hin qabne warra dubbachuu hin dandeenye tolchuudhaan,

      Inni isa tolche yoo isatti amaname illee,

      Siidaan sibiilaa* fi barsiisaan sobaa faayidaa maalii qabu?+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi