-
Hisqiʼel 3:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Achiis inni, “Yaa ilma namaa, wanta si dura jiru* nyaadhu. Maraa kitaabaa kana nyaadhuutii dhaqii mana Israaʼelitti dubbadhu”+ naan jedhe.
2 Kanaafuu, afaan koo nan bane; innis maraa kitaabaa kana afaan na kaaʼe. 3 Itti fufuudhaanis, “Yaa ilma namaa, maraa kitaabaa ani siif kenne kana nyaadhuutii garaa kee ittiin guuttadhu” naan jedhe. Anis nan nyaadhe; innis afaan koo keessatti akka dammaa kan miʼaawu ture.+
-
-
Mulʼata 10:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Anis gara maleekaa sanaa dhaqeen maraa kitaabaa xinnoo sana akka anaaf kennu gaafadhe. Innis, “Fudhadhuu nyaadhu;+ inni garaa kee ni hadheessa, afaan kee keessatti garuu akka dammaa miʼaawa” naan jedhe. 10 Anis maraa kitaabaa xinnoo sana maleekaa sana harkaa fuudhee nan nyaadhe;+ inni afaan koo keessatti akka dammaa miʼaawaa taʼe,+ ergan nyaadhee booda garuu garaan koo hadhaaʼaa taʼe.
-